Mark 12:13 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan waan inni dubbatuun isa xaqaruuf jedhanee, worra Fariisaayotaatii fi golii Heroodisii keessaa jara tokko Yesuusitti ergane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Farisayoofi jara Herode ka gari isati ergani aka dubbi afaani isaa fuud'ani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waan innii dubbatu afaan fuudhaanii qabuuf jedhanii, Fariisotaa fi jara Herodisillee keessaa nama garii isatti ergan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa waan inni dubbatuun isa qabu'uuf jedhanii worra Fariisotaatii fi worra gara Heroodisii ta'an keessaa jara tokko Yesuusitti ergan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Achiin maayessa waan inni dubbatuun isa qabu'uuf jedhanii, worra Fariisotaatii fi worra gara Heroodisii ta'an keessaa jara tokko Yesuusitti ergan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Gara worra Fariisotaatii fi worra Heerodisiitii ka ta'an namoonni tokko tokko, Yesusiin haasaya isaatiin isa qabu'uuf jecha, gara isaa ni ergaman.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan waan inni dubbatuun isa xaqaru'uuf jedhanee, worra Fariisaayotaatii fi golii Heroodisii keessaa jara tokko Yesuusitti ergane.