Mark 12:14 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Worri ergamane dhufanee, “Barsiisa'a! Akka ati dhugaa dubbattu nuuti hin beenna; nama tokkolle hin sodaattu; karaa Waaqaa dhuga'aan barsiitta malee, nama wol hin caalchittu. Mooticha mootota worra Rooma'aatiif gibra kaffaluun seera moo seeraa moti? Hin kaffalla moo hin kaffallu?” jedhaneen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri d'ufe waan isaani jed'ani, Aabbo, nu imbeenna aka atini nama d'uga, ka guddinna nama iyaalle; wonti akanatiifi atini fuula nama inilaaltu, ammo kara Waaqa akuma dansa nama barsiifta. Aki Kaisari damoosa baasani fullaa mo fullaaniti?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii dhufee isaan, “Aabboo, akka atin nama dhugaa nu inbeenna, guddinna namaallee hin yaaltuu; fuula namaallee hinilaaltuu, ammoo karaa Waaqaa akkuma dhugaa nama barsiifta, akkii Qeesarii qaraxa baasan aadaa moo aadaaniti?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri ergaman dhufanii, «Barsiisaa'a! akka dhugaa dubbattu nu hin beenna; nama tokkollee hin sodaattu; karaa Rabbii dhuga'aan barsiifta; nama wol hin caalchiftu. Mootii mootota worra Rooma'aatiif gibira gabbaruun seera moo seeraa miti? hin gabbarra moo hin gabbarru?» jedhaniin.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worri ergaman dhufanii, «Barsiisaa'a! akka dhugaa dubbattu nu hin beenna; nama tokkollee hin sodaattu; karaa Rabbii dhuga'aan barsiifta, nama wol hin caalchiftu. Mootii mootota worra Rooma'aatiif gibira gabbaruun seera moo seeraa miti? hin gabbarra moo hin gabbarru?» jedhaniin.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Gara isaa dhiyaatanii'llee akkana ni jedhaniin, «Yaa barsiisaa ati dhugaalessa ta'uu kee ni beekinna, nama'llee sodaachu'uu fi maal naan jedhan jedhee'llee, wonitti raawwattu hin jiru, karaa Waaqaa'llee dhuga'aan ni barsiiftta, eegaa, nugusa Rooma'aatiif gibira kafaluun seera qabeessaa moo? Yookiin miti? Haa gabbarru moo, yookiin haa dhiifinnu?»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri ergamane dhufanee, «Barsiisa'a! Akka ati dhugaa dubbattu nuuti hin beenna; nama tokkolle hin sodaattu; karaa Waaqaa dhuga'aan barsiitta malee, nama wol hin caalchittu. Mooticha mootota worra Rooma'aatiif gibira kaffaluun seera moo seeraa moti? Hin kaffalla moo hin kaffallu?» jedhaneen.