Mark 12:28 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Barsiisota Seera Muuse'ee keessaa tokko yennaa isaan wol mormanu achi jira. Yesuus deebii dansaa akka deebiseef dhaggee, gara isaa dhufee, “Ajaja mara keessaa guddichi kam?” jedhee Yesuus gaafate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jara Seera beekhu keesa, nami toko isati d'ufe, aka worri woldide d'ageennaani, ammalle aka Yesoni aka dansa worraa deebise beennaani, isa gaafate waan jed'e, Seera kamiti ch'ufa ira jaba?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jara Seera beeku keessaa, namii tokko warra waldide dhageennaan, ammallee akka Yesus akka dansaa warraa deebisee beennaan, isa gaafachuuf gara isaa dhufee, “Seera kamiitti seera cufa irra jabaa?” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Barsiisota Seera Muuse'ee keessaa tokko hennaa isaan wol morman dhagayee Yesuus deebii mishaa akka deebiseef argee gara isaa dhufee, «Ajaja maraa keessaa guddichi kami?» jedhee Yesuusiin gaafate.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Barsiisota Seera Muuse'ee keessaa tokko hennaa isaan wol morman dhagayee, Yesuus deebii mishaa akka deebiseef argee, gara isaa dhufee, «Ajaja maraa keessaa guddichi kam?» jedhee Yesuusiin gaafate.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Barsiisota Seeraa keessaa tokko wol mormmii isaanii ni dhagaya ture, Yesus haala misha'aan akka isaanii deebise barsiisaan seeraa ni hubate, gara Yesusii'llee dhiyaatee, «Ajajinni maraa caalu kami?» jechu'uun, ni gaafateen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Barsiisota Seera Muuse'ee keessaa tokko yennaa isaan wol mormanu achi jira. Yesuus deebii dansaa akka deebiseef dhaggee, gara isaa dhufee, «Ajaja mara keessaa guddichi kam?» jedhee Yesuus gaafate.