Mark 12:31 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ajaji guddichi lammeesso'oo, ‘Nama mara akka mataa keetii jaalladhu’ ka jedhu kana. Ajaji guddichi isaan lamaan kana caalu ka dhibiin hin jiru’ ” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Lameesooni kana: nama ch'ufa aka ufi jaalattu jaalad'u. Seeri kana lamaani ira jaba injiru.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Lammeessoon ammoo, ‘Ollaa kee akka ufi jaalattu jaaladhu!’ ka jedhu. Seerii kana lamaan irra jabaa hinjiru” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ka lammeesso'oo ammo, ‹Nama akka uf jaalattutti jaaladhu› ka jedhu kana. Ajanyi guddichi biraa ka lamaan kanniin caalu hin jiru» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ka lammaffa'aa ammoo, ‹Nama, akka uf jaalattutti jaaladhu› ka jedhu kana. Ajanyi guddichi lamaan kanniin caalu ajanyi biraa hin jiru» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kana'llee ka fakkaatu ajajinni lammaffaa, ‹ollaa kee akka mataa keetii taasisii jaaladhu!› ka jedhu. Kanniin lamaan ka caalu ajajinni bira'aa hin jiru.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ajaji guddichi lammeesso'oo, ‹Nama mara akka mataa keetii jaaladhu› ka jedhu kana. Ajaji guddichi isaan lamaan kana caalu ka dhibiin hin jiru» jedhe.