Mark 12:34 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus akka inni qarumma'aan deebise dhaggee, “Ati mootummaa Waaqaa irraa fagoo hin jirtu” jedheen. Eegii san nami tokkolle gaaffii dhibii isa gaafatiisaaf itti hin gamne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni aka inni qalbiini deebise arginaani waan jed'eeni. Atini Finna Waaqa iraa fago injirtu. Eegi suni, nami ch'ufumaanu isa gaafachu sodaate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus akka innii qalbiin deebise arginaan, “Atin Mootummaa Waaqaa irraa fagoo hinjirtu” jedheen. Eegii sun, namii cuftii isa gaafachuu sodaate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus akka inni qarumma'aan deebise argee, «Ati jeennata Rabbii irraa fagoo hin jirtu» jedheen. Achiin maayessa namni tokkollee gaafii isa gaafachu'uuf hin uggine.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus akka inni qarumma'aan deebise argee, «Ati jeennata Rabbii irraa fagoo hin jirtu» jedheen. Achiin maayessa namni tokkollee gaafii isa gaafachu'uuf hin uggine.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee barsiisichi seeraa ogumma'aa fi hubanna'aan akka deebiseef argee, «Ati ammoo Mootummaa Waaqaa irraa ka fagaattee miti» jedheen. Kanaan duubatti Yesusii gaafii dhiyeessu'uuf ka ugge, eennu'llee hin jiru.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus akka inni qarumma'aan deebise dhaggee, «Ati mootummaa Waaqaa irraa fagoo hin jirtu» jedheen. Eegii san nami tokkolle gaaffii dhibii isa gaafatiisaaf itti hin gamne.