Mark 12:35 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Adoo Galma waaqaa keessatti barsiisiisatti jiruu, “Attamiin barsiisoti Seera Muuse'ee, ‘Mesiihiin ilma Daawwitii ti’ jechuu dande'an?
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato Yesoni Mana Waaqa keesati nama barsiisu, inni waan jed'e, Jari Seera beekhu akami, Kristoni ilma Daudi jed'a?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Adoo Mana Waaqaa keessatti nama barsiisuu, Yesus, “Jarii Seera beeku akkam, ‘Kiristoon ilma Daawitii’ jechuu danda'e?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus uduu mana woyyuu keessatti barsiisa'aaru, «Attamitti barsiisonni Seera Muuse'ee, ‹Kiristoos ilma Daawitiiti› jechuu danda'an?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus mana woyyuu keessatti uduu barsiisa'aaru, «Attamitti barsiisonni Seera Muuse'ee, ‹Kiristoos ilma Daawitii ti› jechuu danda'an?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus Mana Waaqeffanna'aa titti yoo barsiisu akkana jedhee ni gaafate, «Barsiisonni seeraa, ‹Masihiin ilma Daawiitii› maali'iif jedhan?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Adoo Galma waaqaa keessatti barsiisiisatti jiruu, «Attamiin barsiisoti Seera Muuse'ee, ‹Mesiihiin ilma Daawitii ti› jechuu dande'an?