Mark 12:40 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan daadimata dheertuu daadimatanu mudhisiisaan, mana haadhotii hiyyeessaa sossanee itti aallatiisaaf dheeressanee daadimatan” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri hori nad'eeni d'iirsa inqamne iraa hobaase, ammalle nama sobe, kad'acha d'eeresa. Wollaala taka inargiini worrati murani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii warra horii haadha hiyyeessaa irraa hobbaassee, nama sobuuf, kadhachaa ufii dheeressu. Wallaala takka hinargin warratti muran” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan Rabbii kadhachuuu dheereffachu'uun, worra mana haadha hiyyeessaa xambu; worra akkasii san murtii gudda'atu isaan eeggata» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaan faatee dheeraa faateffachu'uun, mana haadha hiyyeessaa worra xamban, worra akkasii san murtii gudda'atu isaan eeggata» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Fakkeessa'aaf ka dhiyeessan kadhannaa isaanii dhedheeraa sababachu'uun, mana haadha hiyyeesotaa ni saaman, kanaaf isaan murtiin caalaan isaan irra ni gaya.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan daadimata dheertuu daadimatanu mudhisiisaan, mana haadhotii hiyyeessaa sossanee itti aalatiisaaf dheeressanee daadimatan» jedhe.