Mark 12:41 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus Galma Waaqaa keessatti cinaa subba kennansa keessa buusanuu tee'ee, akka kolbaan beesee ifii keessa buuttu ilaale. Dureeyyiin hedduun beesee guddoo keessa buutte;
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni fulla hori Waaqaa baasani naqani tae, gumi hori baaftu ilaale. Dureeyiini hedduuni hori gudda keesa nat'e.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus fulaa horii Waaqaa baasan keessa buusan taa'ee, gumii horii baaftu laale. Dureeyyiin hedduun horii guddaa keessaa buufte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus kolba miini kennaa itti guuran jiruun taa'ee hennaa gumiin birrii mi'a kennaa itti guuran keessa buusan laale. Dureeyyiin hedduu birrii baay'ee keessa buusan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus kolba miini kennaa itti guuran jiruun taa'ee, hennaa gumiin birrii mi'a kennaa itti guuran keessa buusan laale. Dureeyyiin hedduu birrii baay'ee keessa buusan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus saanduuqa kenna'aa fuunduranaan taa'ee uduma jiru, ummanni sanduuqa keessa qarshii yoo buusan ni arga ture, dureeyyiin baayi'een'llee qarshii baayi'ee ni buusan ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus Galma Waaqaa keessatti cinaa subba kennansa keessa buusanuu tee'ee, akka kolbaan beesee ifii keessa buuttu ilaale. Dureeyyiin hedduun beesee guddoo keessa buutte;