Mark 12:44 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Worri dhibiin qabeenna guddaa qabanu irraa ka hafe subba keessa buusane; isiin ammoo adoo hiyyeetti'iituu, waan qaddu mara ka ittiin bultu subba san keessa buutte” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti akanatiifi worri ch'ufti hori ufi gudda keesaa wo baase; ammo isiini, hiyyuma ufi keesaa, waan qabdu ch'ufa baafte, hori ufi ch'ufa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii akkanaatiif warrii cuftii horii ufii guddaa keessaa waan irraa hafe baase; isiin ammoo, hiyyuma ufii keessaa, horii waan qabdu cufa baafte” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri kuuwwan qabeenna guddaa qaban irraa waan hafe mi'a kennaa itti guuran keessa buusan; Isiin hiyyeettiin waan qabdu ka ittiin jiraattu maraa achi keessa buufte» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worri kuuwwan qabeenna guddaa qaban irraa waan hafe mi'a kennaa itti guuran keessa buusan; Isiin hiyyeettiin waan qabdu ka ittin jiraattu maraa achi keessa buufte» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kuunniin marrinuu ka kennan qabeenna qaban irraa ka hafe, isiin garuu hiyyeettii taatee uduu jirttu, womaayyuu uduu hin hanbifatin, waan qabddu maraa ni kennite» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri dhibiin qabeenna guddaa qabanu irraa ka hafe subba keessa buusane; isiin ammoo adoo hiyyeetti'iituu, waan qaddu mara ka ittiin bultu subba san keessa buutte» jedhe.