Mark 12:5 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Abbaan muka woyini'ii ammalle hojjataa dhibii gara isanii erge; isalle ijjeesane; worra dhibiille akkuma kana kaan dhaananee, kaan ijjeesane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle inni ka d'ibi erge, isale ijeesani, ammalle nama d'ibi heddule, ka gari d'aanani, ka gari ijeesani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammallee ka dhibii itti ergee, isallee ijjeesan. Ammallee nama hedduu dhibiillee itti erginaan, ka garii dhaanan, ka garii ijjeesan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ammallee ka biraa itti erge; isa ammo hin ajjeesan; akkasuma ka biraallee heddu itti erginaan isaan keessaallee gari garii tumanii garii ammo hin ajjeesan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ammallee ka biraa itti erge, isa ammoo hin ajjeesan, akkasuma ka biraallee heddu itti erginaan isaan keessaallee gari garii tumanii garii ammoo hin ajjeesan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Itti aansee'llee ka bira'aa yoo ergu, ni ajjeesaniin, akkuma kana baayi'eewwa yoo ergu'llee, tokko tokkoo isaanii ni dhaanan, kaanniin'llee ni ajjeesan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Abbaan muka woyni'ii ammalle hojjataa dhibii gara isaanii erge; isalle ijjeesane; worra dhibiille akkuma kana kaan dhaananee, kaan ijjeesane.