Mark 12:6 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Abbaan muka woyini'ii ilma guddoo jaalatu tokko qaba. Muummee irratti, ‘Ilma kiyya hin ulfeessan’ jedhee, isa gara isaanii erge.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni ammalle nama d'ibi qaba, ilma isaa tokocha. Eege, inni isa erge waan jed'e, Worri ilma kiyya insodaata.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii ammallee nama dhibii qaba, sun ilma isaa tokkocha innii jaalatuu. Inni, ‘Eegee warrii ilma kiyya insodaata’ jedhee, isa erge.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Abbaan muka woyini'ii ilma guddaa jaalatu tokko qaba. Dhuma irratti ‹Ilma kiyya hin kabajjan› jedhee isa gara isaanii erge.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Abbaan muka woyini'ii ilma guddaa jaalatu tokko qaba. Dhuma irratti ‹Ilma kiyya hin kabajjan› jedhee, isa gara isaanii erge.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Amma raawwachuun ka isa hafe, ilma isaa ka jaalatu erguu qofa ture. Kanaaf, ‹Ilma kiyya ni kabajaniin ta'a› jedhee yaadu'uun, muummee irratti ilma isaa tokko ni erge.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Abbaan muka woyni'ii ilma guddoo jaalatu tokko qaba. Muummee irratti, ‹Ilma kiyya hin ulfeessan› jedhee, isa gara isaanii erge.