Mark 13:1 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Adoo Yesuus Galma Waaqaatii bayiisatti jiruu, barattoota isaa keessaa tokkochi isaan, “Barsiisa'a, ilaali! Dhakooti gugurdaan kunii fi ijaarsi gugurdaan kun attam dansa'a!” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato Yesoni Mana Waaqa keesaa bahu, jara isaa keesa nami toko waan jed'eeni, Aabbo, D'akhaye dadansa manaani jaarani tana dawad'u!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Adoo Yesus Mana Waaqaa keessaa ba'uu, jiruu jara isaa keessaa namii tokkoo, “Aabboo, dhakaayyee dadansaa manaan jaaran tana daawadhu!” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkuma Yesuus mana woyyuu keessaa bayeen darasoota isaa keessaa tokko isaan, «Barsiisaa'a! dhagoota gugurdaa kanniinii fi ijaarsa gugurdaa kana mee laali!» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akkuma Yesuus mana woyyuu keessaa bayeen, darasoota isaa keessaa tokkochi isaan, «Barsiisaa'a, dhagoota gugurdaa kanniinii fi ijaarsa gugurdaa kana mee laali!» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Uduma Yesus Mana Waaqeffanna'aatii bayaa'aa jiru barattoota isaa keessaa tokko, «Yaa barsiisaa! Dhagaayyii kunniinii fi gamoowwan kanniin mee laali, isaan ka baaseffachiisan!»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Adoo Yesuus Galma Waaqaatii bayiisatti jiruu, barattoota isaa keessaa tokkochi isaan, «Barsiisa'a, ilaali! Dhakooti gugurdaan kunii fi ijaarsi gugurdaan kun attam dansa'a!» jedhe.