Mark 13:11 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
“Yennaa qabanee gara mura'aa isin geessane, ‘Maan dubbanna laati?’ jedhaa dursitanee hin yaadina'a. Ammoo waanuma yennaa san isinii kenname dubbadha'a; dubbii isin dubbattanu ka dubbatu Ayyaana Woyyicha malee isinii moti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle hojja isani guurani qorsuma geesani ch'ufa, waan jettani durati iyaadiina, ammo waan gaafasi isaniti kennani jed'a. Wonti akanatiifi ka dubbatu isaniiniti, ammo Lubbu Qulqullo.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammallee yo guuraanii qorsumaa isan geessan cufaa, waan jettan duratti hin yaadinaa! Waanuma yo sun isanitti kennaan dubbadhaa malee; wantii akkanaatiif ka dubbatu isaniinti, Hafuura Qulqulloo malee.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Hennaa qabanii gara murti'ii isin geessan waan dubbattaniif dura hin yaaddayinaa'a! Waanuma hennaa san isiniif kenname dubbadhaa'a; dubbii isin dubbattan ka dubbatu Ayyaana Woyyu'u malee isinii miti.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Hennaa qabanii gara murti'ii isin geessan, waan dubbataniif dura hin yaaddayinaa'a! Waanuma hennaa san isiniif kenname dubbadhaa'a; dubbii isin dubbattan ka dubbatu Ayyaana Woyyu'u malee, isinii miti.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Namoonni qabanii gara murti'ii yoo isin dhiyeessan, ‹maal dubbanna laata?› jechu'uun dursitanii hin sarddaminaa, ka dubbatu Hafuura Qulqullu'u malee isinii miti. Kanaaf yeroo sanitti waanuma isinii kennu qofa dubbadhaa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Yennaa qabanee gara mura'aa isin geessane, ‹Maan dubbanna laati?› jedhaa dursitanee hin yaadina'a. Ammoo waanuma yennaa san isinii kenname dubbadha'a; dubbii isin dubbattanu ka dubbatu Ayyaana Woyyicha malee isinii moti.