Mark 13:22 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Masiihooti dharaatii fi raagoti dharaa hin ka'an. Isaan yoo dande'ane kolbaa Waaqi filatelle dokonkoriisaaf baasaa fi bilbaasa hujan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Kristo d'aratiifi raagi d'ara mullate, akheekhafi mamisa d'ara nama agarsiisa, aka yo dandaani, nama Waaqi fohatele sobani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Kiristoos dharaatii fi raagootii dharaa ka'aniitti, yo danda'an warra Waaqii foohateellee sobanii akeekaa fi mamiisa dharaa agarsiisan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Sababaanillee Kiristoosonni sobaatii fi raattonni sobaa dhufanii, yoo isaanii danda'ame worra filatamanillee dogoggorsu'uuf malkataa fi baasa hujan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Sababaanillee Kiristoosonni dharaatii fi raattonni dharaa dhufanii, yoo isaanii danda'ame worra filatamanillee dogoggorsu'uuf malkataa fi baasa hujan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Masihoonni dharaatii fi nabiyyoonni dharaa'llee ni dhufan, isaan uduu danda'anii worruma filatamanuu dogoggorssu'uuf, baasaa fi wonittoota maalale'ee ni raawwatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Masiihooti dharaatii fi raagoti dharaa hin ka'an. Isaan yoo dande'ane kolbaa Waaqi filatelle dokonkoriisaaf baasaa fi bilbaasa hujan.