Mark 13:27 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Inni ergantoota Waaqaa maddii arfan lafaatitti ergee, kolbaa Waaqi filate qaccee biyya lafaa mara irraa woliti qaban.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni malaika erge nama inni fohate gama ch'ufa wolti guura, haga muumme lafatiifi ta gubba ch'ufa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii ammoo ergamtoota Waaqaa irraa ergee, Warra Waaqaa foohame gama cufaa, haga muummee Waaqaa lafatii asi cufa walti guura” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Innillee hennaa san maleekkota ufii hin erga; kallattii arfanii fi qaccee lafa irraatii haga qaccee sami'ii worra filataman wolitti qaba.»
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee hennaa san maleekkota ufii hin erga, kallattii arfanii fi qaccee lafarraatii haga qaccee sami'ii worra filataman wolitti qaba.»
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Maleykkoota isaa'llee ni erga, isaan'llee kallattii arfaniinuu deemanii daangaa arddi'iitii haga daangaa sami'ii titti worra argaman, namoota isaaf filataman wolitti ni qaban.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni ergantoota Waaqaa maddii arfan lafaatitti ergee, kolbaa Waaqi filate qaccee biyya lafaa mara irraa wolitti qaban.