Mark 13:28 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
“Muka harru'uu irraa barumsa baradha'a. Yennaa dameeleen isi'ii quunxituu fi baala baattu, bonni akka dhiyaate beettan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Mammaasa toko oda iraa barad'a. Yo dameeni isaa latte baala baafte, imbeetani aka ch'aamsaani d'iaate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus amma ammoo “Mammaassa tokko odaa irraa baradhaa! Yo dameen isaa lattee baala baaftee, akka caamsaan dhi'aatee inbeettan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus amma ammo, «Muka hurbu'uu fakkeenna godhadha'aatii irraa baradhaa'a! Dameen isaa quqquuqee hennaa baala biqilchu, bonni akka dhiyaate hin beettan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus amma ammoo, «Muka hurbu'uu fakkeenna godhadha'aatii irraa baradhaa'a! Dameen isaa quqquuqee baala hennaa biqilchu, bonni akka dhiyaate hin beettan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Fakkeenni muka harbbu'uu barnnoota isiniif haa ta'u, dameewwan isi'ii yoo bayanii fi baalliin isi'ii'llee yoo lalisan, yeroo sanitti bonni akka dhiyaate ni beekittan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Muka harru'uu irraa barumsa baradha'a. Yennaa dameeleen isi'ii quunxituu fi baala baattu, bonni akka dhiyaate beettan.