Mark 13:34 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Wonni kun akka nami mana ifii lakkisee bayyaatee deemu tokko, itti gaafatamummaa hojjatoota ifiitiif kennuu fakkaa ti. In tokko tokkoofuu waan hujanu keennee, eeddoon balbala eegu dammaqee akka eeguuf ajaja.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti kunini aka nama imaltu deemu jirti. Inni worra ufi lakise jabeenna tissele isaati kenne, kamu huji kenneefi, duuba nama balbala eeguleeni balbala aka dansa eegi jed'a.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii kunin akka nama warra ufii dhiisee, himaltuu deemuu ka'ee jirti. Innii warra ufii lakkisee jabeenna hojjatootaa kennee, tamu tokko tokkoon hujii kenneefii, nama balbala eeguulleen, ‘Hindagatinii rafii dammaqi balbala akka dansaa jabeessii eegi’ jedhee ajaje.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kun akka nama mana ufii hojjattoota ufiititti dhiisee isaan maraafuu hujii kennee ka balbala eegu jabaatee akka eegu seeree deeme fakkaata.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kunillee akka nama mana ufii hojjattoota ufiititti dhiisee, isaan maraafuu hujii kennee, ka balbala eegu jabaatee akka eegu seeree deeme fakkaata.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kun'llee, mana isaa dhiisee gara biyya fago'oo nama deeme ni fakkaata, inni'llee tokko tokkoo tajaajilaa isaatiif itti gaafatama hujii adda addaa irratti ramadee, woriddiyyichi'llee dammaqee akka eeguuf ni ajajeen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Wonni kun akka nami mana ifii lakkisee bayyatee deemu tokko, itti gaafatamummaa hojjatoota ifiitiif kennuu fakkaatti. Inni tokko tokkoofuu waan hujanu kennee, eeddoon balbala eegu dammaqee akka eeguuf ajaja.