Mark 13:7 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Woraanaa fi oduu woraanaa yennaa dhageettane, hin sodaatina'a. Wonni akkasii kun te'uu qaddi; kun ammoo muumme'ee moti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo yo isani waan lola yokhaani gurra lola d'ageetani iriifatiina. Wonti kuni qara d'ufu malte, ammo guyyaani muumme qara ingeenne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo lolaa fi oduu lolaallee yo dhageettan hinrifatinaa. Wantii kun qaraa dhufuu maltee, ammoo ammallee guyyaan muummee hingeenne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa lolaa fi oduu lolaa dhageettan hin sodaatinaa'a. Wonti akkasii kun hin ta'a; Haa ta'uu ammo barri dhumaa ammallee hin geenne.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Lolaa fi oduu lolaa hennaa dhageettan, hin sodaatinaa'a. Wonti akkasii kun hin ta'a; Haata'uu ammoo barri dhumaa ammallee hin geenne.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Dhiyeenna keessantti woraanni yoo taasfamuu fi fago'otti'llee oduu woraanaa yoo dhageettan hin nayinaa, kun marrinuu ta'uuf dirqamaatii, haa ta'u malee muummeen isaa ufi durana.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Woraanaa fi oduu woraanaa yennaa dhageettane, hin sodaatina'a. Wonni akkasii kun te'uu qaddi; kun ammoo muumme'ee moti.