Mark 13:9 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
“Isin ifi eeggachuu qaddan. Qabanee gara mura'aa isin hin geessan; Mana Waaqeffannaa Yihudootaa keessatti isin hin dhaanan. Akka anaaf dhugaa teetanu, anaaf jettanee bulchitootaa fi mootota dura hin dhaabbattan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo isani eegad'a. Wonti akanatiifi nami isani qaqabe kora isani geesa, Mana Waaqa iti kad'atani keesati isani d'aanani maro tiyyaafi; jaallabafi hayyu dura ejaanjitani, aka worra durati d'ugeesitani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Ammoo isan ufi eegadhaa, wantii akkanaatiif namii isan qaqabee koraatti isan geessa, mana waldeennaa keessaalleetti marroo tiyyaaf isan dhaanan; akka warra duratti dhugeesitan hayyuu fi jaallaba dura ejaajjitan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Isin uf eeggadhaa'a; isaan yaa'ii gara garaatitti dabarsanii isin kennan; mana sagada Yihuudotaa keessattillee hin tumamtan; naaf jettanii bulchootaa fi mootota afoo hin dhaabattan; kunillee ragaa isaanitti ta'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Isin uf eeggadhaa'a, isaan yaa'ii gara garaatitti dabarsanii isin kennan, mana sagada Yihuudotaa keessattillee hin tumamtan, naaf jettanii bulchootaa fi mootota afoo hin dhaabattan; kunillee ragaa isaanitti ta'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Isin'llee mataa keessaniif ufi eeggadhaa, namoonni mana murtii yaa'iitiif dabarssanii isin ni kennan, bakka woligayii isaanii maratti'llee isin ni dhaanan. Ragaa akka naa taataniif waayee kiyyaan bulchitootaa fi nugusota durana murti'iif, ni dhaabattan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Isin ifi eeggachuu qaddan. Qabanee gara mura'aa isin hin geessan; Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessatti isin hin dhaanan. Akka naaf dhugaa teetanu, naaf jettanee bulchitootaa fi mootota dura hin dhaabbattan.