Mark 14:11 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan waan kana yennaa dhage'ane, gammadanee, beesee isaa kenniisaaf addachiisane. Maarre Yihudaan Yesuus dabarsee kenniisaaf yennaa dagu'uu barbaadate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan kana d'ageennaani, worri guddo gammade, hori isaa kenniti buufatani. Duuba inni qoomni barbaade, aka harka worrati kennu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waan kaan dhageennaan, warrii guddoo gammadee, horii isaa kenniitii buufate; jennaan Yihudaan harka warratti dabarsee isa kennuuf qoommii barbaade.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan hennaa waan kana dhagayan gammadanii birrii kennu'uufiif waadaa seenan; kanaaf Yihuudaan Yesuusiin dabarsee kennu'uuf hennaa isaa aanju barbaadate.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaan waan kana hennaa dhagayan gammadanii, birrii kennu'uufiif waadaa seenan; kanaaf Yihuudaan Yesuusiin dabarsee kennu'uuf hennaa isaa aanju barbaadate.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isaan'llee kana yeroo beekanitti ni gammadan, qarshii'llee isaa kennu'uuf waadaa ni aseenaniif. Inni'llee Yesusiin dabarssee kennu'uuf yeroo mijaayaa ni barbaadaa ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan waan kana yennaa dhage'ane, gammadanee, beesee isaa kenniisaaf addachiisane. Maarre Yihudaan Yesuus dabarsee kenniisaaf yennaa dagu'uu barbaadate.