Mark 14:20 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus isaaniin, “Inni isin nama kudhanii lamaan keesaa tokko, ka ana woliin qorii tanatti cuuphataa nyaataaru.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni waan worraani jed'e, Jara kud'ani lamaani kana keesa, toko ka na woliini qit'a qori keesa tuqate nyaatu isa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus ammoo warraan, “Jara kudhani lamaan na waliin qixxaa qorii keessaa tuqate nyaatu kana keessaa tokko isa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Innillee deebisee, «Inni isin nama kudha lamman keessaa tokko; ka na woliin qorii tana keessaa nyaata'aaru.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee deebisee, «Inni isin nama kudha lamman keessaa tokko, ka na woliin qorii tana keessaa nyaata'aaru.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Naminni sun kudha lamaan keessan keessaa tokko ka ta'e, ka amma anaan woliin qorii kana keessaa, ittoo tuqata'aa jiru,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus isaaniin, «Inni isin nama kudhanii lamaan keessaa tokko, ka na woliin qorii tanatti cuuphataa nyaataaru.