Mark 14:22 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Adoo nyaatiisatti jiranuu, Yesuus xaltaa daabbo'oo fuudhee, eebbisee, caccassee, barattoota ifiitiif kennee, “Fudhadha'a; kun foon kiyya!” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato worri sagale nyaatu, Yesoni qit'a fuud'e, eebise, ch'ach'abse, worrati kenne waan jed'e, Hood'a, kunini nafa kiyya.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Adoo warrii sagalee nyaachuutti jiruu, Yesus qixxaa fuudhee, eebbisee, cacabsee warratti kennee, “Hoodhaa, kunini nafa kiyyaa” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Uduu nyaata'aaran Yesuus xoroshoo fuudhee eebbisee, caccabsee, darasoota ufiitiif kennee, «Hoo'aa kun foon kiyyaa» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Uduu nyaata'aaran, Yesuus xoroshoo fuudhee, eebbisee, caccabsee, darasoota ufiitiif kennee, «Hoo'aa kun foon kiyya» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Uduma isaan nyaachuu irra jiran Yesus hibsittii ol fuudhee eebbise kukkutee'llee barattoota isaatiin, «Hoo'aa, kun foon kiyya» jedhee isaaniif kenne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Adoo nyaatiisatti jiranuu, Yesuus xaltaa daabbo'oo fuudhee, eebbisee, caccassee, barattoota ifiitiif kennee, «Fudhadha'a; kun foon kiyya!» jedhe.