Mark 14:23 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba Inni muduunuu fuudhee, Waaqaaf galata galchee, isaaniif kenne; isaan maraa muduunuu keessaa unane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni mudunu fuud'e, galata deebise, worrati kenne, worri ch'ufti d'uge.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii muduunuu fuudhee, Waaqaa galata galchee, warratti kennee, warrii cuftii muduunuu keessaa dhuge.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Xuwwee ol fuudhee galatoonfatee, isaanii kenne; isaan maruu mijuu san irraa dhugan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Xuwwee ol fuudhee, galatoonfatee, isaanii kenne; isaan maruu mijuu san irraa dhugan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Duloo'llee ol fuudhee kadhannaa galataa eega taasiseen duubatti isaanii ni kenne, marrinuu duloo keessaa ni dhugan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Inni muduunuu fuudhee, Waaqaaf galata galchee, isaaniif kenne; isaan maraa muduunuu keessaa unane.