Mark 14:3 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus Bitaaniya'atti mana Simoonii dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan dur qabameeruutitti adoo areerratiisatti jiruu, dubartiin takka fiqiree makaa hin qanne ta hidda muka naardoosii irraa hujatante, ta gatii guddo'oo, duloo dhakaa albaasaatarii irraa hujatame guutuu fide; duloo san cassitee fiqiree san mataa Yesuusiititti naxxe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato Yesoni Bethania jiru, mana Simoni ka qomaat'a qabu keesa tae sagale nyaatu, niitiini toko d'ad'a qayya urgaa, ka gati guddo qabu, dulo dooqati nat'e d'ufteeni. Dulo taani ch'absite, d'ad'a mata isaa dibde.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Bitaaniyaatti adoo Yesus mana namicha Simoon jedhanii ka qomaaxaa qabuu tokko keessa ta'ee sagalee nyaatuu, niitiin tokko dhadhaa qayyaa urgaa gatii guddoo tokko, duloo dooqaatti qabattee dhuftee, duloo taan cabsitee, dhadhaa kaan mataa Yesusiiti naxxe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus hennaa Biitaaniya'atti mana Simoonii dhukkuba gogaa kukkutuun qabameeruutitti uduu hurbaata'aaf waamamee achi jiru, dubartiin takka Urgoo Naardoosii ka gatiin isaa gudda'aa qabattee dhuftee bilqaadii cabsitee mataa isaatitti buufte.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus hennaa Bittaaniya'aatti mana Simoonii dhukkuba gogaa kukkutuun qabameeruutitti hurbaata'aaf waamamee uduu achi jiru, dubartiin takka Urgoo Naardoosii ka gatiin isaa gudda'aa qabattee dhuftee, bilqaadii cabsitee mataa isaatitti buufte.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus Bitaaniya'atti mana Simoonii ka waashaye ture ni jira ture. Nyaataaf'llee dhiyaatee uduu jiru, dubarttiin takka shittoo jaalatamaa gatiin isaa haalaan guddaa ta'e, shurrubbee alibasxiroosii titti qabattee ni dhufitte, shurrubbee cabsstee shittoo mataa Yesusii irratti ni buufitte.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus Bitaaniya'atti mana Simoonii dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan dur qabameeruutitti adoo areerratiisatti jiruu, dubartiin takka fiqiree makaa hin qanne ta hidda muka naardoosii irraa hujante, ta gatii guddo'oo, duloo dhakaa albaasaaxarii irraa hujame guutuu fidde; duloo san cassitee fiqiree san mataa Yesuusiititti naxxe.