Mark 14:32 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuusii fi barattooti isaa addee Getesemaanee jedhantu takka dhaqanee, inni isaaniin “Haga Ani daadimadhu asi tee'aa” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Fulla toko ta Gethsemane jed'ani d'ufani; Yesoni waan jara ufitiini jed'e, Arma tataa, haga anini Waaqa kad'ad'u.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Fulaa tokko ta Getesemaane jedhani dhufani; Yesus jara ufitiin, “Haga ani Waaqaa kadhadhu arma tata'aa” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaanillee gara hulee Getesamaanii jedhamtu dhufanii, darasoota ufiitiin, «Haga faateffadhuuf as turaa'a» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaanillee gara hulee Getesamaanii jedhamtu dhufanii, darasoota ufiitiin, «Haga faateffadhuuf arma taa'aa'a» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti gara bakka Getesemaanee jedhamuu ni deeman, Yesus barattoota isaatiin, «Ani achitti yoo kadhadhu isin asi turaa» isaaniin jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuusii fi barattooti isaa addee Getesemaanee jedhantu takka dhaqanee, inni isaaniin «Haga Ani daadimadhu asi tee'a'a» jedhe.