Mark 14:36 — Compare Translations

6 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus haga diqqoo irraa hiiqee lafatti jigee, yoo dande'ame yennaan rakkinnaa sun akka isa irra dabartu, “Abbaa kiyya wonni mara si'iif hin dande'ama; muduunuu rakkinnaa kana ana irraa dabarsi! Ammoo akka fedha keetii teetuu malee, akka fedha kiyyaa hin te'in” jedhee daadimate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni waan jed'e, Ee Aabbo, atini waan ch'ufa indandeeta, mudunu tana naraa fuud'i, ammo fed'i tiyyaaniti, fed'i tantetiini.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Ee Aabboo, atin waan cufa indandeeta, muduunuu gaargalaa tana narraa fuudhi! Ammoo fedhii tiyyaanitii fedhii teetiin haa taatuu” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Abbaa kiyya wonti maruu sii hin danda'ama; mijuu rakkinnaa kana na irra dabarsi! haa ta'uu ammo akka ati feetu haa ta'uu malee akki ani fedhu hin ta'in» jedhee faateffate.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Abbaa kiyya wonti maruu sii hin danda'ama; mijuu rakkinnaa kana na irra dabarsi! haata'uu ammoo akka ati feetu haata'uu malee, akki ani fedhu hin ta'in» jedhee faateffate.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akkana'llee ni jedhe, «Yaa Abbaa, wonitti marrinuu siif ni danda'ama, duloo sarddamaa kana ana irraa fageessi, garuu akka fedhii keetiiti malee, akka fedhii kiyyaa hin ta'in» jedhe.