Mark 14:40 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus gara barattootaa yennaa deebi'ee dhufe, ilti isaanii waan dunquuqotteertuuf rafaneeranuun dhagge; isaan waan deeffatanulle wollaalane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle deebinaani, worra rafu arge, ilti worraa mugatiini ulfaatte, worri ammalle waan deefatu imbeekhu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammallee deebinaani, warra ufumaa rafu arge; ilti warraa guddoo mugatiin ulfaattee, warrii waan isaa deebisuu wallale.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus gara darasootaa hennaa deebi'ee dhufe ijji isaanii waan dunquqoofteertuuf ka rafaniiran arge; isaan waan deebisanillee hin beenne.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus gara darasootaa hennaa deebi'ee dhufe, ijji isaanii waan dunquqoofteertuuf ka rafaniiran arge; isaan waan deebisanillee hin beenne.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akkuma kana deebi'ee'llee yeroo dhufetti, ijji isaanii hirribaan ulffattee waan tureef, rafanii'llee isaan ni argate, waan isaa deebisan'llee hin beekan ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus gara barattootaa yennaa deebi'ee dhufe, ilti isaanii waan dunquuqotteertuuf rafaneeranuun dhagge; isaan waan deeffatanulle wollaalane.