Mark 14:43 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Adoo Yesuus tana dubbatiisaatti jiruu, barattoota isaa kudhanii lamaan keessaa tokko ka te'e Yihudaan dhufee biraan baye. Gumiin goraade'ee fi ulee-jirma qabateertu, mootota hayyootaa, barsiisota Seera Muuse'eetii fi maanguddootaan ta ergante isa woliin dhutte.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato Yesoni dubbatu, Yudani, ka jara isaa kud'ani lamaani keesa jiru d'ufe; ammalle isa woliini gumiini bilaafi bokuuni yaatu, ta qaalole gugurdofi jara Seera beekhufi jaaroleeni ergite isati d'ufte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Adoo Yesus dubbachuu jiruu, Yihudaan, ka jara isaa kudhani lamaan keessaa tokko, dhufee warra bira ga'e. Ammallee isa waliin qaallollee gugurdoo, jara seera beekuufi maanguddooti ergaan dhibiin ta billaafi bokkuun yaatu isatti dhufte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Uduu Yesuus dubbata'aaru darasoota isaa kudha lamman keessaa ka Yihuudaa jedhamu tokko dhufee isa biraan baye. Namoonni hedduu guraade'ee fi bokkuu qabatanii, bulchoonni gadootaa, barsiisoota Seera Muuse'eetii fi worri manguddootaan ergaman isa woliin dhufan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Uduu Yesuus dubbata'aaru, darasoota isaa kudha lamman keessaa ka Yihuudaa jedhamu tokko dhufee, isa biraan baye. Namoonni hedduu guraadee fi bokkuu qabatanii, itti gaafatamtoonni gadootaa, barsiisoota Seera Muuse'eetii fi worri manguddootaan ergaman isa woliin dhufan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Bakkumatti uduma Yesus kana dubbata'aa jiru kudha lamaan keessaa tokko ka ta'e Yihudaan ni dhufe, isa woliin'llee bilayaa fi ulee worri qabatan namoonni baayi'een ni turan, isaan'llee itti gaafatamoota qeesotaa, barsiisota seeraatii fi jaarsotii biraa'llee worri ergaman ni turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Adoo Yesuus tana dubbatiisatti jiruu, barattoota isaa kudhanii lamaan keessaa tokko ka te'e Yihudaan dhufee biraan baye. Gumiin shallaaga'aa fi ulee-jirma qabatteertu, sooreyyii hayyootaa, barsiisota Seera Muuse'eetii fi maanguddootaan ta ergante isa woliin dhutte.