Mark 14:47 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Worra achi dhaabbataneeranu keessaa tokkochi goraadee buqqifatee, garbicha hayyicha gudda'aa dhowee, gurra irraa kute.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo namichi toko ka bira eju, sheefti ufi qalqala keesaa luqise, tisse qaallicha gudda d'ae, gurra toko iraa kute.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warra dhaattu ejaajju keessaa namichii tokko goraade ufii qalqala keessaa luqqifatee, garbicha qaallicha guddaa dha'e, gurra tokko irraa kute.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ka isaan bira dhaabate keessaa tokko ammo guraadee luqqifatee hojjataa gadicha gudda'aa dhayee gurra irraa mure.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ka isaan bira dhaabate keessaa tokko ammoo guraadee luqqifatee, hojjataa gadicha gudda'aa dhayee, gurra irraa mure.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Worra achi dhaabatanii turan horddofittoota Yesusii keessaa tokko billaya isaa luqqifatee, tajaajilaa itti gaafatama'aa gurra ni mure.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worra achi dhaabbataneeranu keessaa tokkochi shallaagaa buqqifatee, garbicha hayyicha gudda'aa dhowee, gurra irraa kute.