Mark 14:49 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Guyyuma guyya'aan Galma Waaqaa keessatti barsiisaa isinuma woliin ture; isin ana hin qanne. Ammoo Barreeffam Woyyichi wonni jedhu mummowiisaa malte” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini guyya heddu Mana Waaqa keesa isani woliini jira, aka nama barsiisu, ammo isani na inqamne. Ammo t'aafiini ha guutamtu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin guyyaa hedduu Mana Waaqaa keessatti nama barsiisaa isan waliin ture, ammoo isan na hinqamne. Wantii kuni ammoo akka waani barreessiin qulqulloon jette guutamtuuf taati” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa mana woyyuu keessatti isin woliin guyyaa guyya'aan barsiisa'aa ture na hin qabne, haa ta'uu ammo akka kitaabbileen woyyuun raawwatamaniif kun ta'e» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Mana woyyuu keessatti isin woliin guyyaa guyya'aan hennaa barsiisa'aa ture na hin qabne, haata'uu ammoo akka kitaabonni woyyuun raawwatamaniif kun ta'e» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Guyyama guyya'aan Mana Waaqeffanna'aa titti barsiisa'aa isiniin woliin yoo jiraadhutti ana hin qabnne ture, garuu kun ka ta'e dubbiin kitaabban Qulqullu'uu akka raawwatamuuf.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Guyyuma guyya'aan Galma Waaqaa keessatti barsiisaa isinuma woliin ture; isin na hin qanne. Ammoo Barreeffam Woyyichi wonni jedhu mummowiisaa malte» jedhe.