Mark 14:55 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Moototi hayyootaatii fi korri murti'ii duudiinuu, Yesuus ijjeesisiisaaf, nama yakkaa isaa himatu barbaadane. Ammoo nama isa himatu tokkolle hin dhaggine.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Qaalole gugurdofi jaaroleeni koraa nama Yeso himatu barbaadani, aka ijeecha iti murani, ammo d'abani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Qaallolee gugurdoo fi jaarolleen cuftii, Yesusiitti ijeechaa muruuf nama isa himatuu barbaadan, ammoo tokkoollee hingare.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bulchoonni gadootaatii fi yaa'iin murti'ii martinuu akka ajjeefamuuf Yesuusiin irratti ragaa soqa'aa turan. Haa ta'uu ammo nama isa himatu tokkollee hin argine.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Bulchoonni gadootaatii fi yaa'iin murti'ii martinuu akka ajjeefamuuf Yesuusiin irratti ragaa soqa'aa turan. Haata'uu ammoo nama isa himatu tokkollee hin argine.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Itti gaafatamoonni qeesotaatii fi miseensonni yaa'ii marrinuu, Yesusiin ajjeesisu'uuf ragaa ni barbaadan ture, garuu hin arganne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Sooreyyiin hayyootaatii fi korri murti'ii duudiinuu, Yesuus ijjeesisiisaaf, nama yakkaa isaa himatu barbaadane. Ammoo nama isa himatu tokkolle hin dhaggine.