Mark 14:57 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba nami gariin ol ka'anee, “ ‘Ani Galma Waaqaa ka harka namaatiin ijaarame kana diigee, guyyaa saditti ka dhibii ka harka namaatiin hin ijaaranne ijaara’, jedhuun dhageenneerra” jedhanee dharaan itti dhugaa bayane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani nami gari olejate waan d'aratiini isa himate waan jed'e,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan namii garii ol ejaajee waan dharaatiin isa himatee,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa namoonni gariin ol ka'anii, « ‹Ani mana woyyuu ka harka namaatiin ijaarame kana diigee guyyaa sadihitti ka biraa ka harka namaatiin hin ijaaramne ijaara› Hennaa jedhu dhageenneerra» jedhanii sobaan itti ragan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Achiin maayessa namoonni gariin ol ka'anii, « ‹Ani mana woyyuu ka harka namaatiin ijaarame kana diigee, guyyaa sadihitti ka biraa ka harka namaatiin hin ijaaramne ijaara› Hennaa jedhu dhageenneerra» jedhanii dharaan itti ragan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Tokko tokkoon isaa'llee ka'anii akkana jechu'uun dhara ragaa itti ni bayan,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba nami gariin ol ka'anee, « ‹Ani Galma Waaqaa ka harka namaatiin ijaarame kana diigee, guyyaa saditti ka dhibii ka harka namaatiin hin ijaaranne ijaara›, jedhuun dhageenneerra» jedhanee dharaan itti dhugaa bayane.