Mark 14:60 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Hayyichi guddaan kora murti'ii duratti ol ka'ee, Yesuusiin, “Waan isaan si himatane kanaaf ati deebii hin qadduu?” jedhee gaafate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Qaallichi guddaani jiddu worraa ejate, Yeso gaafate waan jed'e, Atini woma indeebiftu? Worri kuni maafi si himata?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Qaallichi guddaan fuula warraa dura ejjee, Yesusiin, “Atiin homaa hindeebiftuu? warrii kuni maaf si himata?” jedhee gaafate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gadichi guddaan ol ka'ee yaa'ii afoo dhaabatee Yesuusiin «Waan isaan si himatan kana ati hin deebiftuu?» jedhee gaafate.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Gadichi guddaan ol ka'ee afoo yaa'ii dhaabatee, Yesuusiin «Waan isaan si himatan kana ati hin deebiftuu?» jedhee gaafate.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Itti gaafatamaan qeesotaa'llee jidduu isaanii dhaabatee, «Womaayyuu hin deebifittuumii? Namoonni kunniin himannaan si irratti dhiyeessan kun maal'i?» jedhu'uun, Yesusiin ni gaafateen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Hayyichi guddaan kora murti'ii duratti ol ka'ee, Yesuusiin, «Waan isaan si himatane kanaaf ati deebii hin qadduu?» jedhee gaafate.