Mark 14:62 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus, “Ee ana; Ilmi namaa midda Waaqaa waan mara godhuu dande'u tee'ee ol-gubba'aa duumensaan dhufuun hin dhaggitan” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni waan jed'e, Ee, Ana; ammalle Ilma Nama ka harka mirga Waaqaa tau argitani, ka dumansa gubbatiini d'ufu!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus deebiseefii, “Ee'ee, ana; ammalle ilma namaa ka irree qabu ka harka Waaqaa mirgaan taa'uu, ka duumansa gubbaa keessaan dhufu argitani!” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuusillee «Ee ana. Ilmi Namaa hennaa mirga Rabbii waan maraa godhuu danda'uu taa'ee samii irraa deebi'ee duumessaan dhufu hin argitan» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuusillee ee ana. Ilmi Namaa mirga Rabbii waan maraa godhuu danda'uu taa'ee samii irraa deebi'ee duumessaan hennaa dhufu hin argitan jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee, «Ee ana, Ilmi Namaa mirga Waaqaatiin taa'ee ni argitan! Akkuma kana duumessa sami'iitiin deebi'ee yoo dhufu ni argitan» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus, «Ee ana; Ilmi namaa midda Waaqaa waan mara godhuu dande'u tee'ee ol-gubba'aa duumensaan dhufuun hin dhaggitan» jedhe.