Mark 14:64 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Inni Waaqa faanshessuun isinuu dhageettane. Murtiin teessan maan ree?” jedhe. Isaan martinuu afaan tokko te'anee, ijjeefamu'uu male jedhanee itti murane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isani isa Waaqa arabsu ya d'ageetani. Maani murtani? Worri ch'ufti ijeecha iti mure.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akka innii Waaqaa arrabsee isanuu yaa dhageettani! Maan isantti fakkaati?” jedhe. Jennaan warrii cuftii ijeecha itti mure.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbiin arrabsuu isaa isinuu dhageettaniirtanii murtiin teessan maali'i ree?» jedhe. Isaan maruu afaan tokko ta'anii, «haa ajjeefamuu» jedhanii itti muran.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Rabbiin arrabsuu isaa isinuu dhageettaniirtanii, murtiin teessan maali'i ree?» jedhe. Isaan maruu afaan tokko ta'anii, haa ajjeefamuu jedhanii itti muran.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kunoo! dubbii arrabaa kana Waaqa irratti yoo aggaamu dhageettanii jirttan, eegaa maal isinitti fakkaata ree?» jedhe. Marrinuu jecha tokkoon, «Du'atu malaan!» jedhanii, itti ni murteessan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni Waaqa faanshessuun isinuu dhageettane. Murtiin teessan maan ree?» jedhe. Isaan martinuu afaan tokko te'anee, ijjeefamu'uu male jedhanee itti murane.