Mark 14:65 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Namooti gariin Yesuusitti tufanee, ila isaalle hidhanee, “Eentu si dhowe? Me raagii him” jedhaa tuntumu'uun isa dhowane. Worri eegulle fuudhee isa kakkabale.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami gari hanch'ufa iti tufe, ila qabani, d'abanaasani waan jed'aniini, Fagi! Hojattuleeni tontomooni isa d'aante.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii garii hancufa itti tufee, ila hidhanii, dhabanaasanii, “Fagii!” jedhaniin. Warrii eeduulleen tanttoomoon isa dhaante.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namoonni gariin Yesuusitti tufanii ija isaallee hidhanii, «Eentu si dhaye? Mee raaga himi» jedha'aa tontoommo'oon isa dhayan. Hojjattoonni dhabanaasa'aa fuudhanii deemaniin.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Namoonni gariin Yesuusitti tufanii, ija isaallee hidhanii, «Eentu si dhaye? Mee raaga himi» jedha'aa tontoommo'oon isa dhayan. Hojjattoonnillee dhabanaasa'aa fuudhanii deemaniin.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Tokko tokko'llee hancufa isaanii itti tufuu jala ni qaban, ija isaa'llee subbe'een haguugganii, «Ati nabiyyii yoo taate mee eennu akka si dhaye beeki!?» jedha'aa, tontoommu'uun ni dhayaniin ture. Kuunniin'llee dhabanaassa'aan dhaya'aa, ni fudhataniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Namooti gariin Yesuusitti tufanee, ila isaalle hidhanee, «Eentu si dhowe? Me raagii himi» jedhaa tuntummu'uun isa dhowane. Worri eegulle fuudhee isa kakkabale.