Mark 14:68 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Inni ammoo, “Waawwo'o! Wonni ati dubbatiisaatti jirtu kun anaaf hin galu” jedhee mormate. Achiin duuba akkuma inni gara hulaa karraa bayeen lukkuun iyyite.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo inni mormate waan jed'e, Hiyyo, anini waan atini dubbattu kana taka ind'ageenne jed'e, kae fullooni bahe. Hojuuma suni kormi luku iye.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii ammoo mormatee, “Hiyyoo, ani waan atin dubbattu kana hinbeeku, nallee hingaltu” jedhee, kaa'ee fuloon ba'ee. Yoosuma kormii lukkuu iyye.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni ammo ka ati jettu hin beeku hin qaabadhulle'e jedhee ganne. Achiin maayessa akkuma inni karra gad bayeen lukkuun iyye.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Inni ammoo ka ati jettu hin beeku hin qaabadhulle'e jedhee ganne. Achiin maayessa akkuma inni karra gad bayeen lukkuun iyye.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Inni garuu, «Ani hin beeku, wonitti ati jettuu'llee naaf hin gallu» jechu'uun ni waakkate. Kana'llee jedhee gara alaa titti akkuma bayeen, lukkuun ni iyye.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni ammoo, «Waawwo'o! Wonni ati dubbatiisatti jirtu kun naaf hin galu» jedhee mormate. Achiin duuba akkuma inni gara hulaa karraa bayeen lukkuun iyyite.