Mark 14:72 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yennuma san lukkuun lammeessoo iyyite. Achiin duuba Pheexroos dubbii yesuus, “Adoo lukkuun yennaa lamaan hin iyyin ati yennaa sadiin ana mormatta” isaan jedhe qaabbatee, laallefatee booye.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hojuma suni kormi luku maro lameeso iye. Petroni dubbi Yesoni isaani jed'e qaabate, ta inni, Ato kormi luku maro lama iniyine, maro sadi na mormatta jed'e taani. Inni guddo lalefate bohe.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yooma sun kormii lukkuu marroo lameesoo iyye; Phexros dubbii Yesus “Adoo kormi lukkuu marroo lama hiniyyinee, ati marroo sadii na mormatta” jedheen taan qaabatee, guddoo laalefatee boo'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa Pheexroos dubbii Yesuus, «Uduu lukkuun hennaa lama hin iyyin ati hennaa sadihii na ganta» isaan jedhe san qaabatee hirqiffatee booye.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Achiin maayessa Pheexroos dubbii Yesuus, «Lukkuun hennaa lama uduu hin iyyin, ati hennaa sadihii na ganta» isaan jedhe san qaabatee hirqiffatee booye.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Bakkumatti lukkuun yeroo lammaffaa ni iyye, Phexiros'llee, «Uduu lukkuun yeroo lammaffaa hin iyyin, harka sadihii ana ni waakkatta» jechu'uun, dubbii Yesus dubbate waan yaadanneef, fiqqifatee, ni booye.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennuma san lukkuun lammeessoo iyyite. Achiin duuba Pheexroos dubbii Yesuus, «Adoo lukkuun yennaa lamaan hin iyyin ati yennaa sadiin na mormatta» isaan jedhe qaabatee, laallefatee bowe.