Mark 15:1 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Barii halkaniin Moototi hayyootaa: maanguddoota, barsiisoota Seera Muuse'eetii fi kora mura'aa duudii woliin mari'atane. Achiin duuba isaan Yesuus hidhanee, geessanee, Philaaxoositti dabarsanee kennane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Lafti bariinaani, qaalole gugurdofi jaarolefi jara Seera beekhufi jaaroleeni kora ch'ufti koratte, Yeso sibiilaani hid'ani, geesani harka Pilatoti kennani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Laftii bariinaani, qaallolee gugurdoo, jaarrolee, jara seera beekuufi jaarroleen cuftii koraa dhuftee waan isaa mari'atan, Yesus hidhanii, geessanii harka Philaaxosiiti kennani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkuma lafti bariiteen obboroo bulchoonni gadootaa, manguddoonni, barsiisonni Seera Muuse'eetii fi Yaa'iin murti'ii maruu woliin mari'atan. Achiin maayessa Yesuusiin hidhanii fuudhanii dabarsanii Philaaxoositti kennan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akkuma lafti bariiteen obboroo bulchoonni gadootaa, manguddoonni, barsiisonni Seera Muuse'eetii fi Yaa'iin murti'ii maruu woliin mari'atan. Achiin maayessa Yesuusiin hidhanii fuudhanii Philaaxoositti dabarsanii kennan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ganama obboro'oon itti gaafatamoonni qeesotaa jaarsotii, barsiisota seeraa, miseensota yaa'ii mara woliin ni mari'atan, kanaan duubatti Yesusiin hidhanii fudhataniiniiti, Philaaxosiif dabarssanii ni kennaniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Barii halkaniin sooreyyiin hayyootaa: maanguddoota, barsiisota Seera Muuse'eetii fi kora mura'aa duudii woliin mari'atane. Achiin duuba isaan Yesuus hidhanee, geessanee, Philaaxoositti dabarsanee kennane.