Mark 15:11 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Moototi hayyootaa ammoo, Philaaxoos addee isaa Barabbaa akka isaanii lakkisu gumiin akka gaafattuuf tirtirsane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo qaaloleeni gugurdooni gumi gorsite aka inni fulla Yeso Baraba hiikhu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Qaalloleen gugurdoon ammoo, akka gumiin fullaa isaa Barabbaa nuu hiiki jettuu gorsite.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bulchoonni gadootaa, Philaaxoos bikka isaa Baarbaaniin akka isaanii baasuuf banii kakkaasan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Bulchoonni gadootaa, Philaaxoos bikka isaa Baarbaaniin akka isaanii baasuuf Banii kakkaasan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Itti gaafatamoonni qeesotaa garuu, «Bakka isaa Barabbaan nuuf haa hiikkamu» jedhaanii, Philaaxosiin akka gaafataniif namoota ni kakaasan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Sooreyyiin hayyootaa ammoo, Philaaxoos addee isaa Barabbaa akka isaanii lakkisu gumiin akka gaafattuuf tirtirsane.