Mark 15:12 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Philaxoos ammalle, “Namicha isin Mootii Yihudootaa jettanu maan tolcha ree?” jedhee gumii gaafate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Pilatoni ammalle waan worraani jed'e, Nama hayyu Yahudi jettaniini, kana maani tolcha re?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Philaaxos ammallee warraan, “Nama hayyuu Yihudii jettaniin kana maan tolcha ree?” jedhee isaani gaafate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Philaaxoos deebisee, «Eegasuu ka mootii Yihuudii jettan maal akka godhu barbaaddan ree?» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Philaaxoos deebisee, «Eegasuu mootii Yihuudii ka jettan maal akka godhu barbaaddan ree?» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Philaaxos'llee, «Eegaa, kana nugusa Yihudotaati ka jettaniin, maal haa taasisuun?» jechu'uun, deebi'ee namoota ni gaafate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Philaaxoos ammalle, «Namicha isin Mootii Yihudootaa jettanu maan tolcha ree?» jedhee gumii gaafate.