Mark 15:21 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan namicha biyya Qareena'aa tokko, ka Simoon jedhamu, abbaan Iskindrosiitii fi Ruufoosii, ficha'aa gara qacha'aa adoo dhufuu qabanee fannoo Yesuusii akka ba'atu hunnaan tolchane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba nama toko ka lafa oobruti bahe dabru jiru qabani, mukha maskali Yeso baachisani. Inni Simoni Kirene jed'ani, abba Iskandafi Rufo.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii biyya Qareenaa ka Simi'oon jedhan tokko, abbaan Iskindrosii fi Ruufos, adoo oobruu galuu jiru isaaniin ba'e; jennaan qabanii, fannoo Yesusii baachisani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan namicha biyya Qareena'aa tokko ka Simoon jedhamu abbaa Iskindiroosiitii fi Ruufoosii uduu maasa'aa gara qacha'aa dhufu, qabaniinii fannoo Yesuusii akka baatu hunnaan taasisan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaan namicha biyya Qareena'aa tokko, ka Simoon jedhamu abbaa Iskindiroosiitiif Ruufoosii, maasa'aa gara qacha'aa uduu dhufu, qabaniinii fannoo Yesuusii akka baatu hunnaan taasisan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Uduma deema'aa jiran'llee nama biyya Qareena'aa ka ta'e abbaan Iskindroosiitii fi abbaan Ruufoosii Simooniin, baaddiyya'aa gara magaala'aa yoo galu ni argataniin, fannoo Yesusii'llee akka baadhatuuf ni dirqisiisaniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan namicha biyya Qareena'aa tokko, ka Simoon jedhamu, abbaan Iskindrosiitii fi Ruufoosii, ficha'aa gara qacha'aa adoo dhufuu qabanee fannoo Yesuusii akka ba'atu hunnaan tolchane.