Mark 15:36 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan keessaa tokkochi fiigee, ispoonjii daadhii woyni'iii dhangaggoottu'uutti cuuphee, qaccee ule'eetitti keyee, akka unuuf ol Yesuusitti qabee, “Eegi me! Eliyaas dhufee fannoo irraa akka isa buusu ilaallaa!” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Namichi toko utaale, bututu laaftu toko daad'i keesa kaye, hokoti fannise. Jennaani aka inni d'ugu iti kenne waan jed'e, Eega! Aka Eliyaani d'ufe maskali ira isa buusu laala.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warra keessaa namichii tokko utaalee daadhii dhangagooftuu waan akka miciraan buqqee hadhaa'aa, bututtuu laaftuu tokko keessa kaa'ee, hookkotti fannisee akka innii dhugu itti kennee, “Eegaa! akka Eliyaas dhufee fannoo irraa isa buusu laalla” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan keessaa tokko fiigee dhufee carqii qaccee ule'eetitti hidhee daadhii woyini'ii dhangaggooftuu spoonjii keessatti cuuphee, akka afaanitti cophu dhiyeesseef, «Eegi mee! Eeliyaas dhufee fannoo irraa akka isa buusu laallaa!» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaan keessaa tokko fiigee dhufee, carqii qaccee ule'eetitti hidhee, daadhii woyini'ii dhangaggooftuu keessatti cuuphee, akka afaanitti cophu dhiyeesseef, «Eegi mee! Eeliyaas dhufee fannoo irraa akka isa buusu laallaa!» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isaan keessa'llee tokko fiigeeti dhaadhii dhangaggaayaa waan akka fuutta'aa titti ni guute, akka dhuguuf'llee ulee ooyya'aa irratti rarraasee Yesusii kenneefiiti, «Mee turi, Eliyaas dhufee ka isa gad buusu yoo taate, haa laalluu!» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan keessaa tokkochi fiigee, ispoonjii daadhii woyni'ii dhangaggoottu'utti cuuphee, qaccee ule'eetitti keyee, akka unuuf ol Yesuusitti qabee, «Eegi me! Eliyaas dhufee fannoo irraa akka isa buusu ilaallaa!» jedhe.