Mark 15:39 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ajajaan dhibbaa, ka achi fannoo Yesuusii dura dhaabbateeru, akka inni itti du'e dhage'ee, “Dhugumaan, nami kun Ilma Waaqaa ti” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guddaani askarti ka isa dura eju, aka inni akasi hafuura baafatu arginaani waan jed'e, D'uguma nami kunini Ilma Waaqaati.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Guddaan warra waraanaa ka isa dura ejju, akka innii akkas hafuura baafate arginaan “Namii kunin dhuguma ilma Waaqaati” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ajajaan loltuu dhibbaa ka fannoo Yesuusii afoo dhaabateeru akkanatti iyyee lubbuu ufii dabarsee akka inni kenne hennaa arge, «Namni kun dhugamaan Ilma Rabbii ture» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ajajaan loltuu dhibbaa ka fannoo Yesuusii afoo dhaabateeru akkanatti iyyee lubbuu ufii dabarsee akka inni kenne hennaa arge, «Namni kun dhugamaan Ilma Rabbii ture» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Fannoo duranaan dhaabatee ka jiru ajajaan dhibbaa, lubbuun Yesusii attamitti foon irra akka adda baate yeroo argetti, «Naminni kun dhugamaanuu Ilma Waaqaa ture» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ajajaan dhibbaa, ka achi fannoo Yesuusii dura dhaabbateeru, akka inni itti du'e dhage'ee, «Dhugumaan, nami kun Ilma Waaqaa ti» jedhe.