Mark 15:4 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Philaaxoos ammalle, “Me waan hedduu si himatane kana ilaali! Ati womaa hin deebittuu?” jedhee Yesuus gaafate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Pilatoni ammalle isa gaafate waan jed'e, Atini woma indeebiftu? Me, waan heddu ka siini himatani kana ilaali!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Philaaxos ammallee, “Kunoo waan hedduun si himatanii ati homaa hin deebiftu ree?” jedhee gaafate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Philaaxoos ammo ammallee «Womaa hin deebiftuu? Kunoo waan meeqaan si himata'aaran?» jedhee gaafate.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Philaaxoosi ammoo, ammallee «Womaa hin deebiftuu? Kunoo waan meeqaan si himata'aaran?» jedhee gaafate.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf Pilaaxoos, «Waan meeqaan akka si himatan mee laali! Gonkumaa deebii woyiituu hin kennitu moo?» jechu'uun, irra deebi'ee ni gaafateen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Philaaxoos ammalle, «Me waan hedduu si himatane kana ilaali! Ati womaa hin deebittuu?» jedhee Yesuus gaafate.