Mark 15:40 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Dubartooti gariin fagaattanee ilaalisatti jiraniiyyu. Isaan keessaa Maaryamii Magdalaa, Maaryamii haadha Yaaqoobii maandhichaatii fi Yoose'ee, Saloomeelle achi jiran.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nad'eeni garileeni waan kana fagoo ilaalte. Worra keesa, Mariamu Magdalenefi Mariamu haad'a Yakobo maand'ichafi Yose, ammalle Salometi jira.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Nadheen gariilleen waan kana fagoo laaltee; warra keessa, Maariyaam ta Magdalaa, Maariyaam haadha Yaaqoobii maandhichaatii fi Yooseef, ammallee Salomeesti jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dubartoonni gariin fagoo dhaabatanii laala'aa turan. Isaan keessaa Maariyaamii Magdalaa, Maariyaamii haadha Yaaqoobii maandhichaatii fi Yoose'ee, Saloomeen faati achi jiran.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Dubartoonni gariin fagoo dhaabatanii laala'aa turan. Isaan keessaa Maariyaamii Magdalaa, Maariyaamii haadha Yaaqoobii maandhichaatii fi Yoose'ee, Saloomeen faati achi jiran. Isaan hennaa inni Galiilaa jiru isa faanaa deemanii, isa tajaajilan. Dubartoonni biraallee isa woliin gara Yeruusaalemii dhufanii achi jiran.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Fagoo ta'anii ka laalan dubarttoonni tokko tokko'llee, achi ni turan. Isaan keessaa'llee Magdalaawittiin Maariyaam, haati Yaaqoobii maandhichatii fi haati Yoosa'aa Maariyaam, Salomeen'llee ni argaman ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dubartooti gariin fagaatanee ilaaliisatti jiraniiyyu. Isaan keessaa Maaryamii Magdalaa, Maaryamii haadha Yaaqoobii maandhichaatii fi Yoose'ee, Saloomeelle achi jiran.