Mark 15:41 — Compare Translations
6 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan yennaa inni Galiilaa jiru isa hordofanee, isa tajaajilane. Dubartooti dhibiin ta isa woliin gara Yerusaalemii dhufanelle achi jiran.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isiini gaafa Yesoni Galilaya jiru isa gula yaate hojateefi. Ammalle nad'eeni heddu d'ibiti, ta isa woliini Yerusalemu olqabatte achi jira.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii warra gaafa Yesus Galiilaa jiruu isa gula yaa'ee isaa hojjate. Ammallee nadheen hedduu dhibiitti, ta isa waliin Yerusaalemitti olqabatte achi jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan hennaa inni Galiilaa jiru isa faanaa deemanii isa tajaajilan. Dubartoonni biraallee isa woliin gara Yerusaalemii dhufanii achi jiran.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isaan'llee yeroo Yesus Galiilaa turetti, isa ni horddofaniinii fi ni tajaajilaaniin turan. Akkuma kana Yesusiin woliin gara Yerusaalemii ka dhufan, dubarttoonni baayi'een bira'aa'llee ni turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan yennaa inni Galiilaa jiru isa hordofanee, isa tajaajilane. Dubartooti dhibiin ta isa woliin gara Yerusaalemii dhufanelle achi jiran.