Mark 15:46 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yoseef woyaa qoola bitee reeffa Yesuusii faannoo irraa buusee, itti maree, boolla awwaalaa ka dhakkaa keessatti bocamee qophoyeerutti awwaale. Achiin duuba dhakaa guddaa gangalchee afaan boollaa duuche.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yusufuni woya boofta bite, isa gadi buuse, woya taaniini mamare, goda d'akha keesaa boch'ani keesati awaale, d'akha toko afaanti gangalche.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yoseef wayaa marduufaa bitee, reeffa isaa fannoo irraa gad buusee, wayaa taanin mamaree, goda dhakaa keessaa bocan keessatti awwaalee, dhakaa tokko afaanitti gangalche.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yooseefillee qoola reeffa ittiin kafanu bitee reeffa Yesuusii fannoo irraa buusee, qoola saniin kafanee, awwaala dhaga'aan hojjatame keessa kaaye. Afaan boollaatitti dhagaa gangalchee cufe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yooseefillee qoola reeffa ittiin kafanu bitee, reeffa Yesuusii fannoo irraa buusee, qoola saniin kafanee, awwaala dhaga'aan hojjatame keessa kaaye. Afaan boollaatitti dhagaa gangalchee cufe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yooseef'llee uffata kafanni'ii haarawa biteeti, reeffa Yesusii fannoo irraa buusee ni kafaneen, awwaalaa dhagaa siida'aa irraa bocamee qophaaye keessatti ni awwaalleen. Dhagaa guddaa'llee gangalchee awwaalaa ni cufe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yoseef woyaa qoola bitee reeffa Yesuusii fannoo irraa buusee, itti maree, boolla awwaalaa ka dhakaa keessatti bocamee qophoweerutti awwaale. Achiin duuba dhakaa guddaa gangalchee afaan boollaa duuche.