Mark 15:7 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa san worra alagalaa nageya booressiisaan nama ijjeessanee hidhamane keessaa namichi Barabbaa jedhamu tokko jira.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Bara suni namicha toko ka Baraba jed'ani, jara lafa garagalchu fed'e nama ijeese woliini hid'ani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Bara sun warra goolii guuree nama ijeesee hidhame sun keessaa namicha tokkootti ka Barabbaa jedhan jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa san worra shiftanii lola kaasa'aa nama ajjeesanii hidhaman keessaa namicha Baarbaan jedhamu tokkotu ture.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa san worra shiftanii lola kaasa'aa nama ajjeesanii hidhaman keessaa namicha Baarbaan jedhamu tokkotu ture.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo sanitti Mootummaa irratti kaka'anii, nama ajjeesu'uun mana hidha'aa ka aseenan, namoota hamaawwantu jira ture, namoota hamaawwan kanniin keessaa'llee tokko, Barabbaan nama jedhamutu ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa san worra alagalaa nageya booressiisaan nama ijjeesanee hidhamane keessaa namichi Barabbaa jedhamu tokko jira.