Mark 16:17 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Worri anatti dhugeeffatu baasota akka tolchuuf hunni hin kennama. Isaan maqaa kiyyaan durriisota hin baasan; afaan haareyaan hin dubbatan;
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle akheekhi kuni worra d'ugefatu keesa mullata: maqa kiyyaani jinni nama keesaa baasani; afaani d'ibiini dubbatani;
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warra natti dhugeeffate akeeka kanaatti keessatti mullata; warrii natti dhugeeffate kun maqaa kiyyaan jinnii nama keessaa baasa, afaan dhibiin dubbata;
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri natti amane maalalee akka hojjatan hunni hin kennamaaf, isaan maqaa kiyyaan jinnii baasan, afaan haarawaanillee hin dubbatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worri natti amane, maalalee akka hojjatan hunni hin kennamaaf, isaan maqaa kiyyaan jinnii baasan, afaan haarawaanillee hin dubbatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Worri anatti amanan marrinuu baasota kanniin ni taasisan, maqaa kiyyaan jinniiwwan ni baasan, afaan haarawaan'llee ni dubbatan,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri natti dhugeeffatu baasota akka tolchuuf hunni hin kennama. Isaan maqaa kiyyaan durriisota hin baasan; afaan haareyaan hin dubbatan;